WANTI GUDDINA DIINAGDEEF NU DHORKAN maalfaadha?

Yeroo nuti keessa jirruun dursa hojiin namootni addunya kana irraa hojjetan hedduun isaa dadhabbii olaanaa fi galii xiqqaa argamsiisuudhaan kan jiraataa turaniidha. Kunimmoo biyyootuma guddatan irraa kaasnee guddina tekinoloojiin ala hojin hawaasni addunyaa hojjetu humnaa fi baajata guddaa gaafatuun ala hojii salphisun kan galiin gaarii argamsiisu hin turre. Guddina guyyaa guyyaa tekinoloojiitin garuu har’a addunyaan hojii humna ofii osoo hin qisaasin baajata osoo hin basin galii guyyaa guyyaatti argamsiisuudhaan yeroo gabaabaa keessatti durooman irra geenyee jirra. Inni kunis garuu jabaatanii hojjechuutiin ala waanti addaa godhamu hin jiru garuu humna ofii, beekumsaa fi yeroo keenya osoo hin nyaatin fi nun dadhabsiisn galii gaarii kan argatamuudha.


Biyyoota guddatan keessatti guddina diinagdee kan ariifachiisu waantotni hedduun nii mul’atu. Fakkeenyaaf nama mul’ata diinagdee qabu tokko yaada daldala isaa gaafa hiriyaa fi hawaasa naannoo isaatti gadi buusu gammachu fi ariitiidhaan irra fudhachuudhaan isas guddisuun ofiis guddisu. Kana irratti fakkeenya gaarii kan fudhachuu dandeenyu dureessa addunyaa duraa kan Microsoft haa fudhannu. Yaada daldalaa kan dhiyeesse nama baayina isaa 1300 ol tahutti ture. Haatahu malee kan yaada isaatti walii gale garuu nama 30 kan hin caalle ture. Kaan isaanii fudhachuu diduu fi tuffachuus haatahu, mamii fi soda keessa seenuudhaan yaadicha kan hin fudhanne yommuu tahu namootni isa waliin yaadicha fudhatanii hojiitti bobbahan har’a sadarkaa abbaa diinagdee addunyaa keessa seenaniidhuma jiru. Kanaaf biyyootni guddatan tokko walis guddisuu fi ofiis guddachuuf kan isaan ariifachiisu took yaada daldala dhiyaatutti gammaduudhaan fudhatanii irratti hojjechuutiin mirkanaa’oo tahu.


Gara biyya Afriikaa fi biyya keenyaatti yoo dhufne garuu namni yaada daldalaa bilchaataa fi daandii namni itti galii argatu yood hiyeessu harkatti kuffisuudhaan kan namootni keenya haalaa fi bakka yaadan hanqatan hedduun sababa isaa kana irraa ka’eeti. Waantota yeroo baayee arginu irraa kaasne namni tokko yaada daldalaa karaa kanaan galii agaarii argattu, nii milkooftuu jedhee dhiyeessu fudhachuu dhiisnee yaadaa fi waan yeroo keenya nyaatu faana buuna. Waanti haaraan yoo dhufe ammo kun sirrii mitii balaa baata jennee sodaachuu irraan yeroo hedduu namoota hin milkaa’in hafan keessa namootni biyya keenyaa isa duraa taane argamna.

DIINAGDEEDHAAN AKKAMIIN MILKAA’OO TAANA?

  • Namoota murteeffatoo taanee argamuudha. Kana jechuun daldala tokko hojjechuuf soda qabnu hir’isuu fi risk ofitti fudhannee itti seenuudha. Sodaan baroota hedduuf duubatti nama kan deebisuudha. Hojii kamuu keessatti sodaan yoo jiraate osoo hin milkaa’iin hafna. Namootni yeroo hedduu sodaa hiri’sanii murtiidhaan gara karoora isaaniitti deeman osoo isaan milkaa’an argina. Kanaaf qixa kamiinuu soda keessaa of baasnee daldala kamiinuu kan toora internet irraas tahu qaamaan hojjennu tokko dalaguun nama milkeessa
  • Namoota yaada daldala dhiyeessan irraa gorsaa fi qajeelfama addaa addaa halkanii guyaa isaan hordofuudhaan nii milkoofna. Namoota daldala isaanitti milkaa’oo tahan, kanneen daldala ammayyaa fi gururtaa online irratti bobbahan akkasuma kanneen teknoloojii irratti yeroo isaanii dabarsanii waan haaraa guyyaadhaa guyyaatti hawaasaaf dhiyeessan hordofuudhaan daandii isaan irra deeman hubachuudhaan yoo waan isaan hojetanillee itti hirmaannee nii milkoofna.
  • Michooma dandeentii daldalaa qaban waliin hariiroo keenya tolfachuudhaan akkasuma waltajii daldalaa yeroodhaa yerootti naannoo keenya dabalatee byya keenya keessatti adeemsifaman irratti hirmaannee yaadaa fi waantota daldalaaf aanja’oo tahaniin of qopheessuudha.
  • Daldala yaanne tokko eegaluutiin dursa kana gaafa jedhamu ammoo waantota bittaa fi gurgurtaa tahan irratti haala naannoo keenyaa qorachuutu murteessaadha. Kun waan hojjennuuf milkoomina qabaachuu dandeenya. Naannoo hin barbaachisnetti waan hin barbaachisne fi wal faallessu tokko hojjechuun hojii kasaaraa waan fiduuf jechuudha.

Kanaaf diinadgeedhaan waantotni milkaa’oo tahan hedduudha garuu sadarkaa keenyatu murteessadha. Wayita ammaa ammo daldala nuti hojjechuu qabnu irra jireenya Online kan tahan digitan kan tahanitti yeroodhaan kan haga yaadnee ol argachuu dandeenyuudha. kanaaf ammo kan nu milkeessu jennee murteessinu hojii online hojjennee milkaa’uu dandeenyuf website keenya kana yeroodhaa yerootti hordofuu qabdu jenna.

APP message badee nuuf deebisuu

 DOWNLOAD

One thought on “WANTI GUDDINA DIINAGDEEF NU DHORKAN maalfaadha?

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *