Oduu Haaraa/News

Waraana Tigiraay: Raayyaan ittisa biyyaaa fi humni addaa naannoolee TPLF irratti ‘tarkaanfii dhumaa akka fudhatan’ kallattiin kenname

Ibsi waajjiricha irraa kennamee, TPLF Itoophiyaa diiguuf humnoota biyya keessaa fi alaa wajjin hojjechaa turuu himuun, humna shororkeessaadha jedhan kana irratti tarkaanfii cimaan fudhatamuu akka qabu waamicha dabarse. Haleellaan TPLF bane uummata biyyattii hundarratti akka ta’e hubatamee, uummatni waraana TPLF irratti gaggeeffamutti makamuu fi deeggaruu akka qabu ibsi waajjiira MM bahe hime. ”Lammiileen Itoophiyaa umuriin …

Waraana Tigiraay: Raayyaan ittisa biyyaaa fi humni addaa naannoolee TPLF irratti ‘tarkaanfii dhumaa akka fudhatan’ kallattiin kenname Read More »

Ajjeechaa Gammachiis Moosisaan shakkamuun misirroo dabalatee namoonni jaha to’ataman

Dargaggoo ganna 28 fi ogeessi fayyaa hospitaala riferaalaa yunvarsiitii Wallaggaa, Gammachiis Moosisaa, Adoolessa 24 bara 2013 fuudhee guyyaa tokko booda manaa bahuun achi buuteen isaa dhibame. Maatiin erga barbaadanii dhabaniin boodarra poolisiif gabaasa gochuun barbaachi cimee itti fufe. Barbaacha maatii fi hiriyyoonni isaa qaama nageenyaa waliin godhaniin reeffi isaa magaala Naqamtee irraa fageenya xiqqaa irratti …

Ajjeechaa Gammachiis Moosisaan shakkamuun misirroo dabalatee namoonni jaha to’ataman Read More »

Bakakkaan bu’ee namoota cidha irra turan 17 ajjeese

Baangilaadeshitti bakakkaan bu’ee yoo xiqqaate namoota cidharra turan 17 ajjeesuu qondaalotni mootummaa himan. Mishirricha dabalatee namootni biroo 14 tahan ammoo miidhamaniiru. Misirrittiin ammoo yeroo sana garee keessummoota cidharra turan waliin hin turre. Keessummootni gurbaa fuudha dhaqu waliin turan bidiruu laga naannoo magaalaa Shibgaangi jedhamtu irraa bu’anii gara mana warra intala heerumtuutti imalaa turan, yeroo yandoo …

Bakakkaan bu’ee namoota cidha irra turan 17 ajjeese Read More »

Ameerikaafi Sudaan dhimma Itoophiyaarratti maal mari’atan?

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan dhimma yeroo ammaa Itoophiyaa keessa jiruufi waa’ee adeemsa motummaa ce’umsaa Sudaan ilaalchisuun Ministira Mummee Sudaan, Abdallaa Haamdook, waliin mari’atan. Aangaa’oonni lamaan waraanni kaaba Itoophiyaatti mudate gara naannoolee Amaaraa fi Affaariitti babal’achuusaa akkasumas yaaddoo haala namoommaa naannoo Tigraayii keessatti badaa dhufee irratti mari’atan. Ibsa Waajjirri Dhimma Alaa Ameerikaa Roobii galgala …

Ameerikaafi Sudaan dhimma Itoophiyaarratti maal mari’atan? Read More »

error: Alert: Koppii Gochun Dhorkaadha !!