Karaalee 5 kan qarshii irraa argachuu dandeenyu

Marsariitii Maallaqa Irraa Argachuu Dandeenyu

Karaalee hedduu online irraa qarshii itti argachuu dandeenyu hedduudha. Maallaqni nuti internet irraa argannu kun baasii tokko malee osoo kiisii keenyaa hin baasin salphaatti kan qarshii argachuu dandeenyuudha. Kana jechuun qarshii bilisaa kan jennuudha.

Qarshiin bilisaa gafa jennu internet irraa salphaadhumatti bakki nuti hojjennee maallaqa argachuu dandeenyu marsariitii hedduutu jiru isaan kana irraa hojjechuudhaaf baasii nun barbaachisu jechuudha.Kanaaf marsariitii garaagaraa nuti maallaqa irraa hojjechuu dandeenyuu fi akkaataa itti hojjennu muraasa kan wal hubachiisnu ta’a.

1.Webtalk

Webtalk’n akkuma Facebook  miidiyaa hawaasaa nuti fayyadamuu dandeenya fakkeenya hedduu kan qabuudha.  Facebook irratti waggoota dheeraa kan fayyadamaa baane waan nuuf kaffalu hin qabu baasii kiisii keenyaa baasnu malee.  Akkaataan website kun itti dalagu ammoo akkuma facebook irratti waan adda addaa post goonu, comment kenninu, like goonuu fi kkf guyyaa guyyaan seennu akkasuma yeroo nuti link keenya nama biraatiif laannu namnis irratti galmaa’u point kan nuuf kennaa deemuu fi maallaqa guddaa sadarkaa keenya irratti hundaa’ee nuuf kaffalluudha. 

2.Marsariitii Cryptocurrency Adda Addaa

Akkuma beekamu website cryptocurrency irraa argannu gosoota heduutu jiru. Cryptocurrency akaakuu adda addaatu jiru kunimmoo maallaqa osoo itti hin baasne kan akkasumatti online argannuudha. Free Site jennee kan waamnu kan maallaqa osoo hin baasin irraa argannu marsariitii kumaatamaan lakkaa’aman hedduutu jiru. Kanneen akka Bitcoin, Litecoin, Ethireum,Gogecoin fi kkf hedduutu jiru jechuudha. Kanaaf earning money for free kan jedhaman website kumaatamaan lakkaa’aman jiran kanneen dhugaa ta’an irraa argachuu dandeenya.

3.Fiverr

Fiverr website jedhamu, waltajjii ykn platform guddicha yeroo ammaa waan nu barbaachisu hunda irratti dhiyeessinee argannuudha. Fakkeenyaaf kanneen akka Logo design, grapchics design, animation, intro and outro fi hojiilee kumaatamaan lakkaa’aman hedduu kan irraa argannuudha.  Fiverr irratti muuxannoo kan hin gaafanne garuu akkaataa isaa haala salphaa ta’een youtube irraa barannee bira ga’uu kan dandeenyuudha. Kana jechun profile keenya waan hojjechuu dandeenyu achirratti gaafa barreessinee keenyu namootni waan fedhan nurraa argachuudhaan bitachuu nii danda’u  haala kanaan bifa salphaa ta’een maallaqa guddaa hojjechuu dandeenya. 

4.Website Mataa Keenyaa

Weebsite mataa keenyaa kaffaltii hedduu kan irraa argannuudha. Website mataa keenya bifa adda addaatiin galii keenya ji’aallee ol guddisuu kan dandeenyuu fi maallaqa guddaa argachuu kan nama dandeessisuudha. Marsariitii mataa keenyaa gaafa jennu kan nama biraa irraa adda kan ta’e waan hundaan qulqulluu ta’ee kan argamu website ofii keenyaan hojjennus ta’e qarshiidhaan hojjechiisnee galii guddaa akka irraa argannuuf kan tolchinuudha.  Kana jechuun ammoo fakkeenyaaf website keenya tokko irraa maallaqa haga kuma kudhanii arganna yoo ta’e website hedduu hojjennee manage gochuu dandeenya  bifa kanaan ammo website kudhan yoo hojjenne hanga kuma dhibbaan lakkaa’amu ji’aan argachuu kan dandeenyu jechuudha. 

5.Youtube.

YouTube’n dhaabbata bal’aa maamiltoota hedduu addunyaa kana irraa horatee fi maallaqa gurguddaa kaffalaa jiruudha. Youtube irraa maallaqa guddaa argachuu dandeenya. Kunis  hojiin nurraa eegamu yeroodhaa yerootti viidiyoo hojjechuudhaan olfe’uudhaan kan argannuudha, Viidiyoon nuti olfeenu kun barnoota adda addaa, diraamaa, koomeedii, sirbootaa fi muuziqaalee adda addaa bfa viidiyoodhaanis qindeessuudhaan Youtube irraa maallaqa guddaa argachuun nii danda’ama. Youtube irraa maallaqa argachuuf waantotni nu barbaachisan meeshaalee viidiyoo waraabanii fi nuuf qindeessan akkasuma seera dhaabbanni Youtube akka guunnu nurraa eegutu jira isa kanaan hunda erga guutnee booda akkaataa itti maamiltoota isaatiif kaffalu qaba.  

Egaan website hedduu nuti irraa maallaqa argachuu dandeenyu hedduun nii jiru kun muraasa ta’u kanaan olitti ofii keenya barbaannee hojjechuu dandeenya.

5 thoughts on “Karaalee 5 kan qarshii irraa argachuu dandeenyu

  • May 12, 2022 at 5:04 pm
    Permalink

    Bay’ee namaatti tola marsaaritii maata keenya akkaamin banaachu dandeenya.

    Reply
    • August 14, 2022 at 8:31 pm
      Permalink

      Karaa kamiin website Mayas kiyyaa banachuu danda’a?

      Reply
  • September 16, 2022 at 2:17 pm
    Permalink

    Kan mataa keenyaa aakkamiin banuu dandeenya?

    Reply

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *