Wa’ee Daldala Foorexii hagam beektu? Forex Trading
Daldala bal’aa fi guddaa addunyaan wal daldalaa jiruudha. Forex Trade karaa biraa Foreign Exchange yoo jedhamu hiikni isaa sharafa addunyaa kanaa wal jijjiiruudha. Forex Trade gabaajee ta’ee yoo barreeffamu FX jedhama.
Bara 1970 keessa biyya Ameerikaa keessatti eegale. Turtii kana irraa kaasee hanga har’aatti daldalli sharafa biyyoota adda addaa wal jijjiiruu osoo addaan hin kunnee daldalli isaa itti fufeetu jira. FX eegaluutiin dursa waanti namni beekuu qabu hedduudha. Dhibbantaa %70 warri forex irratti hojjetan nii kassaru kunis maloota hedduu nuti beekuu hin dandeenye miiruma keenyaan itti seennee osoo iccitii daldala isaatii hin beeknee nyaatamaniidha.
Sharafa biyyoota adda addaa wal jijjiiruu jechuun maal jechuudha? As keessatti iccitii gadi fagoo baratamuu fi leenjii ga’aa fudhatamuu qabu ta’ullee garuu akkaataan nuti wal jijjiiruu bifa kanaa gadiitiin jechuudha. Fakkeenyaaf
- Namni tokko doolara harkaa qabuun paawondiidhaan jijjiiruu yoo barbaade ykn biyyaa biyyatti gaafa imallu yeroo sana kan wal jijjiiruu jechuudha, akkaataan itti fayyadamnu yeroo online dhaan daldallu teessumni sharafa kanaa akkasiidha; USD/GBP dha. Kana jechuun doolara ameerikaatiin paawondii biyya Biriten bitacha jirra jechuudha. Kana wal jijjiruuf garuu maloota hedduu nuti fayyadamnuu fi bakka irratti wal jijjiiruu beekuu qabna.
Sharafa kana callisnee kan “Buy” ykn “Sell” jechuudhaan wal jijjiirru osoo hin taanee akka seera daldala sharafoota addunyaa wal jijjiiruu ykn forex trade keessatti yoo xiqqaate leenjii ji’a torbaa qabaachu qaba jedha kana osoo hin guutiin garuu nuti hojjechuu dandeenya sababiin isaa ga’umsa qabaachuun keenya ga’aadha. Forex Trade ykn FX daldaluudhaaf waantotni nu barbaachisan platform ykn waltajjiin isaan irratti daldalaman hedduutu jiru isaan sana erga beeknee booda qarshii qabnuun achirraa qabaachuu qabna. Mee platform sharafni kun irratti wal jijjiruuf barbaachisoo ta’an tarreessuun quba wal qabsiisna.
- Best Forex Brokers
- ECN Brokers
- Islamic Brokers
- Scalping Brokers
- Mobile Forex Trading
- Regulated Forex Brokers
- NFA Brokers
- FCA Brokers
- CySEC Brokers
- ESMA Brokers
- FSCA (FSB) Forex Brokers
- Day Trading Brokers
Egaa isaan kun gurguddoowwan isaan jalattuu dame hedduutu argamu. Jalqaba isaan kana keessaa tokko filannee irratti galmaa’uudhaan account keenya irrattu qarshii deposit goona. Sana booda trade eegalla. Isa dursa garuu kana eegaluuf maaltu nu barbaachisa kan jedhuuf seerota beekuu qabnutu jiru isaan kunis Forex Indicator kan jedhaman jiru. Bakka bu’umsaan nu gargaaree kan nuuf hojjetu mallatto adda addaa kan nuuf kennu fakkeenyaa sharafni nuti wal jijjiiruuf jennu gadi bu’aa jiramoo olka’aa jira kan jedhu kan nu hubachiisu jechuudha. Isaan kun gurguddoowwan “Forex Indicator” jedhamaman kudhantu jiru. Isaanis
- Moving Average (MA)
- Bollinger Bands
- Average True Range (ATR)
- Moving average convergence/divergence or MACD
- Fibonacci
- Relative Strength Index (RSI)
- Pivot Point
- Stochastic
- Donchian Channels
- Parabolic SAR
Isaan kun bakka bu’aa ta’ani bakka nuti wal jijjiiruuf irratti hojjennu irra kan jiruudha haata’u malee isaan kanas beekuun murteessaadha. Waltajjiin nuti irratti sharafa wal jijjiirru sun akka broker ta’anii warra nu tajaajilaniidha. Egaa kun baankii addunyaa waliin wal hidhatee kan hojjetuudha. Yoo baankiin addunyaa cufame hin hojjetu innis duukkadhuma cufama fakkeenyaaf guyyaa jimaataa sa’a boodaa kaasee haga sanbata guddaatti cufaadha.

Inni biraan nuti forex hojjechuuf nu fayyadu ykn sirriitti beekuu qabnu “Candlestick” kan jedhamutu jira. Isaan kunis hedduu baruudhaaf akkam ulfaatanillee garuu shaakala yeroo dheeraa booda baruu dandeenya. Isaan kun waan akkamiiti yoo kenne kanatti fufanii kan jiran gurguddoowwan kurnantu jiru.
- EVENING STAR AND MORNING STAR
- BULLISH & BEARISH ENGULFING
- DOJI
- HAMMER
- BULLISH & BEARISH HARAMI
- DARK CLOUD COVER
- PIERCING PATTERN
- INSIDE BARS
- LONG WICKS
- SHOOTING STA
Bu’aan Forex irraa argamu nama gammachiisaa? Gaaffiin kun ka’uu hin hafu kan nama dhibu beekumsa isaa qabaannee yoo jennee guyyaatti hanga miliyoona tokko hanga miliyoona kudhaniillee kan hojjetan Afiikaadhuma keessallee nii jiru. Kanaaf beekumsaa fi ga’umsa nuti achirratti horannetu murteessa malee qarshii guyyaatti gamoo tokko Itoophiyaa keessatti ijaaru argachuuf salphaadha.
Egaa waanti tolaan dhufu tokkollee hin jiru. Kanas qarshii baasnee maloota adda aaddaa fayyadamuudhaan kan hojjechuu dandeenyuudha. Karooraa fi murtiidhaan yoo itti seenne irra aanuu dandeenya sodaa tokko malee, kana jechuun qarshii kaffallee kanneen nu gargaaran, kanneen barumsa isaa kennan irraa barachuudhaan, biyya keenya Ethiopia keessattillee nii kennama isaan irraa barnoota fudhachuu, yoo hin dandeenye “Subscription” kan jedhamu jira kana kan ji’a tokko lamaa bitachuudhaan daldaluudha.
Kana jechuun kallattii sharafni sun irra jiru kan dursee nu hubachiisuu fi odeessa waliif kennuudhaan gareen wal qabatee kan daldalamuudha. Kunis salphaatti namootni hedduun kan bu’aa argataa jiraniidha. Kana hunda baruu fi irra ga’uuf kan nu dhamaasu waan lama qofaadha. Innis sharafni sun gadi bu’amoo olka’a kan jedhu beekuudha.
Fakkeenyaaf ganama tokko yoo gatiin doolara tokko gadi bu’e sa’a boodammoo ol ka’uu mala waan ta’eef sana dursanii beekuufu odeeffannoo bakka irraa argannu qarshiidhaan bituun nii danda’ama jechuudha. Ofitti amanamummaa qabaachuudhaaf garuu waanti nu barbaachisu inni guddaan barnoota isaa sirritti barachu fi ga’umsa itti qabaachuutu murteessaa ta’a.