Appilikeeshinoota kanneen sadii Dafaa mobaayilii irraa balessa.

Applikeeshinootni hamoo tahan namoota dhuunfaa fi dhaabbilee yaaddoo keessa galchu. Bakka qabachuun qofa osoo hin taane madda vaayirasiiti, beeksisoota namni hin feenes namatti ergu.

Dhaabbanni Google bara kana keessa qofa applikeeshinoota Android’f hamoo tahan kuma 900 haqee jira. kunimmoo kan bara 2017 ture irraa harka 80 caalmaa qaba.

Applikeshinootni hamoo tahan kuni, sababoota maamiltoonni irra deddeebiin ittiin rakkataniif akka furmaata fidaniitti of ibsu.

Gosti Applikeeshinoota sadan moobaayila keenya irratti fe’uu hin qabne kunooti.

1. Kanneen “chaarjii Moobaayilii tursiisna” jedhan

Yeroo tokko tokko moobaayilli keenya yeroo baayyee murteessaa ta’etti chaarjii fixuun dhimmi kuni yaaddoo nutti tahee applikeeshinoota chaarjii baatirii moobaayilaa ni tursiisna jedhan akka buusnee irratti feenuf nu dirqamsiisu.

‘Applikeeshinootni chaarjii moobaayilii ni tursiifna jedhan hundi ni sobu. Waadaa raajii galuurraa kan hafe guyyaa tokkollee rakkoo kana furanii akka hin beekne Gaazexeessaan Teeknolojii Ferrari-Herrmann ni hima.

Yoo charajii moobaayilii keessanii tursifachuu barbaaddan akkaataa itti fayyadama keessanii sirreefachuutu fala taha. Applikeeshinoota chaarjii fixuu dandahanii fi itti hin fayadamne cufuunis fala biraati.

2. Kanneen moobaayila qulqulleesina jedhan

Applikeeshinootni biroo moobaayila keenya irratti fe’uu hin qabne kanneen’ keessoo moobaayilaa qulqulleesuun si’oomina moobaayilaa ni daballa’ jedhanidha. Isaan keessaa applikeeshiniin ‘Clean Master’ jedhamu isa ijoodha.

Akka ogeessi teeknolojii Ispeen José Garcia-Nieto, jedhutti, applikeeshiinin ‘Clean master’ kuni moobaayilaratti yoo fe’ame applikeeshinootni biroo kan kaampaanii ‘cheetah mobile’irraa omishaman akka gara moobaayila keessanitti yaa’an godha jedha.

Kanaan alatti applikeeshinootni akkanaa waan tokkoyyuu faayidaa akka hin qabne hima.

3. Kanneen “mobaayila ni si’eessina” jedhan

Mobayailli keenya yeroo fayadamnu humnaa ol ho’uunis rakkoo fayaamtooni kaasani.sababa aduu keessa yeroo dheeraa turuu, vaayirasiidhaan yookin mobayila keenya boqonnaa malee sa’aatii dheeraaf fayyadamuurraa madda.

Sababnisaa kamis tahu falli applikeeshinoota hoo’ina moobaayilaa hirisna jedhan fe’uu dhiisuudha.

Applikeeshinoota kanneen mobaayilaratti fe’uun rakkoo dabalataa fiduurra kan hafe furmaata fidu tokkollee hin qabu.

Hoo’inni mobaayila keenyaa dabalee si’eessuu yoo feene, cufnee daqiiqaa muraasa tursiisuun furmaata sirriidha.

Itti fayyadama Moobaayilaa irratti dhimmootni armaan gadii ni gorfamu:

  • Applikeeshinoota ‘Apple yookin Google office store’ irraa buufachuu
  • Applikeeshinoota furmaata ajaa’ibaa finna jedhanii waadaa galan buusuu dhiisuu
  • Yeroo yeroodhaan bilbila keenya keessoosaa haaromsuu (update)
  • Farra vaayirasii amanuu dhiisuu.

DOWNLOAD

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *