WhatsApp hojimaata suuraafi viidiyoon takkaa ilaalamee akka badu godhu eegaluuf

Hojimaatni kuni namni suuraan ergameefi tokko erga ‘takkaa ilaalee’ booda otoo ‘save’ hin tahiin akka badu godha.

WhatsApp hojimaatni kuni, ‘’fayyadamtoonni icciitii isaanii isa kana duraarraa to’achuu,’’ akka danda’an taasisa jedha.

Haa tahu malee mootummaan dhimma ergaa ‘’ofiisaatii badu’’ irratti danqaan seeraa isa mudachaa jira.

Namoonni dhimma iftoominaaf falman hoji-maatni kuni itti gaafatamummaa mootummaafi galmee dhimma uummataa ni balleessa jedhu.

WhatsApp hojimaata haaraa isa kanaan fayyadamtoota idilee irratti kan xiyyeeffatu dha jedheera. Fakkeenyaaf, suuraa wayyaa bitatan uffatanii ka’an hiriyyaan akka isaanii ilaalu ergatan fi password namatti ergan fa’idha jedhe.

‘’Odeeffannoon qoodne hundi haala dhaabbataan galmaa’ee akka taa’u hin feenu,’’ jedha.

‘’Bilbila baayyee irratti suuraa yoo kaasne iddoo qabateetu achuma taa’a.’’

Dhaabbatichi hoji-maata haaraa kana ‘’torbee kana fayyadamtoota hundaaf faayidaarra oolchas,’’ jedheera.

Fayyadamtoonni ergaan ‘view once’ takkaa akka ilaalame ni baru garuu achii suuraan sun dhokateeti iddoo tokko qofa taa’a.

Hoji-maatni kuni akkuma ergaa appiiwwan kanneen akka Snapchat dha. Haa tahu malee fayyadamaan yeroo suuraa jalqaba argu ‘screenshot’ gochuu danda’a, ykn kaameeraa biraatiin waraabuu danda’a.

Hojimaatni kun daangeffama muraasas qaba

  • Suuraawwan kunneen ‘gaalarii’ keessatti hin kuufaman.
  • Qabiyyeenis namaaf ergamuu, kuufamuu, qoodamuu fi mallattoon urjii irratti godhamuun hin danda’amu.
  • Yeroo torbee lamaa keessatti yoo hin mul’anne ni bada.
  • WhatsApp baatii Sadaasa keessa hoji-maata ergaa takkaa ilaalamee baduu beeksisee ture.

Hoji-maatni kuni ergaan ergame isa erge biraa guyyaa torba keessatti balleessa. Kunis mootummaadhaaf rakkoo seeraa itti fidaa jira.

DOWNLOAD

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *